IMAAMMATA SHANAN GADAA BILISUMMAA OROMOO

 



IMAAMMATA SHANAN GADAA BILISUMMAA OROMOO

1. Sabni Oromoo Heera Daanbii Bulmaata Sirna Gadaa tokkoo qofa qabuun haa bullu.

Raas Goobanaan sababa Sirna Gadaa diigeef Oromoo miliyoona 5 ajjeefame. Hanga ammaatti mirga Abbaa biyyumma dhabee falmaa Jira . Sirna Gadaatiin buluun mirga qofa osoo hin taane dirqama Oromoo hundaat.Kan Sirna Gadaatiin hin bullu jedhu Goobanaa dha.
2. Mootummaa Gadaa Rippabilikaa Oromiyaa Ijaarrachuu,
Oromoo Sirna Gabrummaa Jala buluuf dirqama waliigaltee mallatteesse tokkolee hin jiru. Sabni Oromoo Birmadummaa fi Bilisaam jiraachuuf Seerri Addunyaa biyyattiin fudhatee fi Heera Mootummaa keewwata 8 fi 39 ni eeyyama. Sabni Oromoon Bilisummaa fi Walabummaa hin barbaachisu kan jedhan namoota Dhiigaa Haacaaluu fi Gootota Oromoo irra ni deemnaa jedhaniira.
Kanaaf, Gamtaa Paartiilee Oromoo Lama 1ffas Iilaalcha
Bilisummaa fi 2ffaa Ilaalcha Dimokiratawaa Oromiyaa qaban hunda'aanii , Aangoo Mootummaa 40/60% waliif qoodan haa hunda'u,
3. Asxaan Saba Oromoo Odaa(Bulchiinsa Sirna Gadaa) dha. Alaabaa Saba Oromoo dhaabbii, kan Seenaa Oromoo wajjin deemu, gubbaan haalluu Gurracha(Waaqa), gidduun Adii Odaa qabuu (Seeraa fi Nageenya fi qarqara Haalluu Diimaa( biyya keenya ittiin eegganu) haa qabaannu.
4.Mirga fi walqixummaa ummata Oromoo eeguu fi Aangoo Wal qixa kan qaban Federeeshinii Shanan
Gadaa Oromiyaa (FGO) haa ijaarru.
5. Konfedereeshinii Saboota Kuush (KSK)hundeessinee biyya Akaakayyuu keenya (Kuush Laandii) haa bulchinu. Ummata Akkichuu Somaalee Laandii gara Oromiyaatti deenbisnee Abbaa Buufata Doonii haa taanu. Umurii keenya Gubuurra Sirnaan (Sirna Gadaa , Federershinii, Konfedereeshinii) dhaan Qabsoofnee Abbaa Injifannoo haa taanu! Kanuma!
Paartii Gadaa Bilisummaa!

Duudhaalee Sirna Gadaa Oromoo


 

Duudhaalee Sirna Gadaa Oromoo

Gadaan Sirna siyaasaa,diinagdee fi hawaasummaa Ummanni Oromoo ittiin walbulchaa tureedha.
Sirni Gadaa sirna ittiin bulmaata dimookraatawa hawaasni martii haala walqixxummaa qabuun keessatti qooda fudhataniidha.
Sirni Gadaa Ummata Oromoo gosaan yookiin gitaan osoo gargar hin baasiin, Gadaa shanitti gurmeesse akka dabareen walbulchan kan taasiseedha.
Gadaan,Ummanni Oromoo Gadaa shanan jalatti gurmaahee dabaree darbuun(buusuun) wagga sadeet saddeetiin kan ittiin walbulchuudha.
Gadaan Sirna waan mara ofkeessatti qabuufi jireenya Oromoo kallattii maraan sakkata'uudha.
Gadaa jechuun jilaafi godaanuu qofa miti,yookiin buttaa qaluufi nyaachisu miti.
Gadaa keessatti aadaa jaarmiyaalee akka Guddisaa,Gumaa,Araara, Meedhicha,Rakoo,Waaqeefannaa,Irreessa,Siiqqee,Marabbaafi kanneen biroo hedduutu jira.
Duudhaalee Sirna Gadaa:
1.Waaqeeffachuu:seeroota jajjaboo amantii waaqeeffanna keessa tokko kan tahe dhuunfanis tahe gamtaadhaan kan raawwatamu, sirna aarsaa,kadhaafi galataati.
2.Laguu: jechuun waan hojjetamuufi nyaatamuu hin qabne irraa ofittisuudha.
Innis lubbuu namaa balleessuu,
hatuu,sobuufi ragaa sobaafi waan saalfii tahe raawwachuu dhiisuudha.
3.Hooda:waan badduu dubbachuuf, arrabarratti namatti ulfaatu jechurraa of qusachuu jechuu yoo tahu,Ulfinaaf Oromoon maqaa biraatiin walyaama.Fakkeenyaaf, bakakkaan yoo manatti bu'ee gube, akkuma jiruun jecha kana yaamuun waan hoodatamuuf, 'bishaan jala yaa'e' jedhama.
4.Safuu:Ijooleen warra isaaniif, quxusuun angafaaf,dargagaggoonni maanguddotaaf, akkasumas hayyotaafi Shammaran Bokkuu,Kallacha,Calleefi Caaccuun, Siqqeefi Alangeen kabajaafi ulfina qabu.
5.Naamusa: adaba ykn amala gaarii ittiin bulmaanni Sirni Gadaa of keessatti qabuufi haala gaarii Ummanni Oromoo jiruufi jireenya isaa keessatti ofii waliin jiraachuu,hawaasaa biraafi uumama waaqayyoo waliin jiraachuuf dirqama heeraafi seeraa Oromoo keessa jiruudha.
6.Nageenya:Sirni Gadaa Oromoo bu'uraa dimokraasiifi bulchinsa gaarii waan taheef, nageenyi wabii jireenyaati waan jedhu waan qabuuf akka duudhaa waan cimaa tokkotti fudhachuun iddoo guddaa kennaaf.
Sirni Gadaa mallattoo nageenyaa qofa otoo hin ta'iin, mataa isaatiin nagaya.
Ummanni Oromoo aadaa isaa keessatti waan hunda dura nagaaf dursa kenna.
Walumaagalatti Sirni Gadaa Oromoo mallattoo ykn fakkeenya duudhaalee armaan gadii of keessatti kan hammatuudha:
mallattoo walqixxumaati.
fakkeenya walkabajuufi waldanda'uuti.
mallattoo tokkummaati.
bu'ura walgargaarsaafi walii dirmachuuti.
wiirtuu araaraafi nagyaati.
waltajjii aadaa waljijjiraniifi walirraa itti baraniidha.

Moggaasa uumaa waaqaa shanan

 



Moggaasa uumaa waaqaa shanan.

1.Gadaa oromoo shanan.
        Birmajii
        Meelbaa
        Muudana
        Halchiisa
        Roobalee
2.Qaama miira namaa shanan.
        Ija
        Gurra
        Funyaan
        Arraba
        Gogaa
3.uumee waaqaa shanan.
        Aduu
        Urjii
        Addeessa.
        Lafa
         Bishaan
4.Odaa oromoo shanan
        Odaa Nabee
        Odaa Roobaa
        Odaa Bultum
        Odaa Bisil
        Odaa Bulluqi.
5.Bokkuu Oromoo Shanan
        Bokkuu Yaa'ii
        Bokkuu Irreessaa
        Bokkuu Dhikkee
        Bokkuu Foollee
        Bokkuu Araaraa
6.Quba Harkaa shanan.
        Quba Abbuudduu
        Quba Arrabdiqqee
        Quba Mootii
        Quba Qubee
        Quba Moggee
7.Qaama Mukaa Shanan
        Hidda
        Jirma
        Damee
        Baala
        Daraaraa.
8.Ilmaan Seeraa Oromoo Shanan
        Ilma Gudeedaa_abbaan kan dhalche.
        Ilma Mootichaa _waraanaan booji'ame.
        Ilma Lammachaa_kan obboleessaaykn firaa
        Ilma Meendhichaa_Guddifachaa
        Ilma Kallachaa._Moggaasa.
meeshalee hoodaa oromoo
        Bokkuu
        Caaccuu
        Kallacha
        Halangee
        Siiqqee
        Callee

𝐆𝐨𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚


 

𝐨𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚

𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐨𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 (𝐠𝐚𝐫𝐞𝐞) 𝐬𝐡𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐲𝐨𝐨 𝐭𝐚'𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐬 𝐬𝐡𝐚𝐧𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐮. 𝐆𝐚𝐫𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐤𝐮𝐧 𝐠𝐚𝐧𝐧𝐚 𝐬𝐚𝐝𝐞𝐞𝐭 𝐬𝐚𝐝𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐚𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨 𝐰𝐚𝐥 𝐡𝐚𝐫𝐤𝐚𝐚 𝐟𝐮𝐮𝐝𝐡𝐮. 𝐒𝐡𝐚𝐧𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐤𝐮𝐧 𝐛𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐚𝐝𝐝𝐚 𝐚𝐝𝐝𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐚𝐝𝐝𝐚 𝐚𝐝𝐝𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐤𝐚𝐦𝐮𝐮 (𝐠𝐚𝐛𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐢).
𝑩𝒐𝒐𝒓𝒂𝒏𝒂 𝑴𝒂𝒄𝒄𝒂-𝑻𝒖𝒖𝒍𝒂𝒎𝒂 𝑨𝒓𝒔𝒊𝒊 𝑮𝒖𝒋𝒊𝒊 𝑰𝒕𝒖𝒖-𝑯𝒖𝒎𝒃𝒂𝒏𝒏𝒂𝒂
𝑴𝒆𝒆𝒍𝒃𝒂 / 𝑯𝒂𝒓𝒎𝒖𝒇𝒂𝒂 𝑩𝒊𝒓𝒎𝒂𝒋𝒊𝒊 𝑩𝒊𝒓𝒎𝒂𝒋𝒊𝒊 𝑯𝒂𝒓𝒎𝒖𝒇𝒂 𝑯𝒐𝒓𝒂𝒕𝒂
𝑴𝒖𝒖𝒅𝒂𝒏𝒂 / 𝑹𝒐𝒐𝒃𝒂𝒍𝒆𝒆 𝑴𝒊𝒄𝒉𝒊𝒍𝒆𝒆 / 𝑴𝒖𝒖𝒅𝒂𝒏𝒂 𝑹𝒐𝒐𝒃𝒂𝒍𝒆𝒆 𝑹𝒐𝒐𝒃𝒂𝒍𝒆𝒆 𝑫𝒊𝒃𝒃𝒂𝒂𝒒𝒂
𝑲𝒊𝒊𝒍𝒐𝒍𝒆𝒆 / 𝑩𝒊𝒓𝒎𝒂𝒋𝒊𝒊 𝑫𝒖𝒖𝒍𝒐𝒐 / 𝑯𝒂𝒍𝒄𝒉𝒊𝒊𝒔𝒂 𝑩𝒂𝒉𝒂𝒓𝒂 𝑴𝒖𝒖𝒅𝒂𝒏𝒂 𝑫𝒊𝒃𝒃𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂
𝑩𝒊𝒊𝒇𝒐𝒍𝒆𝒆 / 𝑴𝒖𝒍𝒅𝒉𝒂𝒕𝒂 𝑴𝒆𝒆𝒍𝒃𝒂𝒂 / 𝑯𝒂𝒎𝒃𝒊𝒔𝒔𝒂𝒂 𝑯𝒐𝒓𝒂𝒕𝒂 𝑯𝒂𝒍𝒄𝒉𝒊𝒊𝒔𝒂 𝑭𝒂𝒅𝒂𝒕𝒂
𝑴𝒊𝒄𝒉𝒊𝒍𝒆𝒆 / 𝑫𝒖𝒖𝒍𝒐𝒐 𝑹𝒐𝒐𝒃𝒂𝒍𝒆𝒆 𝑩𝒖𝒍𝒕𝒖𝒎𝒂 𝑫𝒉𝒂𝒍𝒂𝒏𝒂 𝑫𝒂𝒓𝒂𝒂𝒓𝒂
𝐈𝐥𝐦𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮, 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐠𝐨𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐬𝐡𝐚𝐧𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐚𝐚𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚. 𝐃𝐮𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐮𝐫𝐬𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐡𝐚𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮, 𝐬𝐡𝐚𝐧𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐦𝐢𝐬𝐞𝐞𝐧𝐬𝐚 𝐢𝐬𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚𝐭𝐮 𝐚𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨𝐫𝐫𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐮𝐭𝐢𝐧𝐢, 𝐤𝐮𝐧𝐢𝐬 𝐠𝐨𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐢 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚.
𝐃𝐮𝐮𝐥𝐚 𝐁𝐢𝐥𝐢𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐒𝐢𝐫𝐧𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐉𝐚𝐥𝐚𝐭𝐭𝐢
𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐚𝐭𝐭𝐢, 𝐛𝐚𝐫𝐚 𝟏𝟐𝟕𝟎 (𝐛𝐚𝐫𝐚 𝐤𝐚'𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐘𝐮𝐤𝐮𝐧𝐨 𝐀𝐦𝐥𝐚𝐚𝐤) 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐡𝐚𝐧𝐠𝐚 𝐝𝐡𝐮𝐦𝐚𝐚 𝐣𝐚𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝟏𝟓𝐟𝐟𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨𝐧 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐫𝐨𝐨𝐫𝐫𝐨𝐨 𝐡𝐮𝐦𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐟𝐢 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐣𝐚𝐥𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐭𝐮𝐫𝐞 𝐫𝐚𝐠𝐨𝐨𝐥𝐞𝐞𝐧 𝐧𝐢𝐢𝐛𝐬𝐮. 𝐑𝐨𝐨𝐫𝐫𝐨𝐨 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐭𝐭𝐢𝐬𝐮𝐮𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐠𝐨𝐨𝐭𝐨𝐭𝐚 𝐟𝐢 𝐡𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐡𝐞𝐝𝐝𝐮𝐮𝐭𝐮 𝐰𝐚𝐫𝐞𝐞𝐠𝐚𝐦𝐞, 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐧 𝐤𝐚'𝐞 𝐬𝐚𝐛𝐧𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐰𝐚𝐥𝐚𝐤𝐚𝐚𝐧𝐬𝐚𝐚 𝐦𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐛𝐢𝐲𝐲𝐚 𝐚𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐨𝐟𝐢𝐢 𝐠𝐚𝐝𝐢-𝐥𝐚𝐤𝐤𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐠𝐚𝐫𝐚 𝐤𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐛𝐚𝐡𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐠𝐨𝐝𝐚𝐚𝐧𝐞. 𝐀𝐜𝐡𝐢𝐢𝐭𝐭𝐢𝐬 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐭𝐭𝐮𝐦𝐚 𝐟𝐮𝐟𝐞. 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐛𝐨𝐨𝐝𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨𝐧 𝐠𝐚𝐫𝐚 𝐰𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐛𝐚 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨𝐨𝐭𝐢𝐟 𝐫𝐨𝐨𝐫𝐫𝐨𝐨 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐨𝐟𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐢𝐭𝐭𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐡𝐚𝐚 𝐭𝐮𝐫𝐞, 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐰𝐰𝐨𝐨 𝐆𝐚𝐥𝐠𝐚𝐥𝐨𝐨 𝟏𝟒𝟕𝟎𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐡𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐤𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐥𝐨𝐥𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢𝐧 𝐛𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐨𝐟𝐢𝐢 𝐟𝐚𝐥𝐦𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐭𝐨𝐥𝐮𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐨𝐟 𝐢𝐣𝐚𝐚𝐫𝐮𝐮𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐭𝐚’𝐞 𝐚𝐦𝐚𝐧𝐞𝐞, 𝐡𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐮𝐦𝐮𝐫𝐢𝐢𝐧 𝐢𝐣𝐚𝐚𝐫𝐞𝐞, 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐮𝐦𝐮𝐫𝐢𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐢𝐫𝐪𝐚𝐦𝐚 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞. 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐣𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐚𝐚𝐫𝐚𝐭𝐢 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐣𝐚𝐚𝐫𝐚𝐦𝐞𝐞𝐟 "𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐡𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐚𝐬𝐞 𝐲𝐤𝐧 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐦𝐚𝐥𝐚-𝐛𝐚𝐚𝐬𝐞" 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐡𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐭𝐚𝐧 𝐦𝐨𝐠𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐦𝐞𝐞, 𝐦𝐞𝐞𝐝𝐡𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐡𝐢𝐝𝐡𝐚𝐭𝐞. 𝐌𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐌𝐞𝐥𝐛𝐚𝐚 (𝐆𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐦𝐚𝐥𝐚-𝐛𝐚𝐚𝐬𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐮𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐮𝐟𝐞) 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐤𝐚𝐦𝐚.

Odaa Oromoo shanan


 

Oromoon Odaa shan, Gadaa shan, Hortee shan, Bokkuu shan qaba.

====================
# Odaa shanan(5)
1. Odaa Nabee - G/Shawaa bahaa
2. Odaa Bisil - G/Shawaa lixaa
3. Odaa Bulluq - G/Horroo Guduruu
4. Odaa Roobaa - G/Baalee
5. Odaa Bultum - G/Harargee lixaa
# Gadaa oromoo shanan(5)
1. Birmajii
2. Duuloo
3. Michilee
4. Melba
5. Roobalee
# Damee oromoo shanan(5)
1. Maccaa fi Tuulama
2. Ituu fi Humbana
3. Raayya fi Asabo
4. Sabboo fi Goona
5. Sikkoo fi Mandoo
# Bokkuu Shanan
1. Bokkuu Kallachaa
2. Bokkuu Dikaa
3. Bokkuu Biifaa
4. Bokkuu Roobaa
5. Bokkuu Horaa
# HoraaBulaa #Deebana !!!

Developing a Vision

 


Mul'ata Guddifachuu

Nama guddaa ta'uuf waan guddaa irraa eegaluu hin qabdu. 
Olbaatee Mul'achuuf dirqama gaara irratti Dhalachuu hin qabdu. 
Gaggeessaa biyyaa ta'uudhaaf abbaan kee yookiin haatikee gaggeessaa ta'uu hin qaban. 
Fageessitee arguudhaaf dirqama biyya fagootti dhalachuu hin qabdu. 
Dursuu dhaaf dirqama dura jalqabuu hin qabdu. 
Beekaa ta'uudhaaf beekumsa irraa jalqabuu hin qabdu.