Showing posts with label Seenaa. Show all posts
Showing posts with label Seenaa. Show all posts

The Morality of the Morning Tradition

 

Dur dur irraa eegalee Oromoon Sirnaa fi Safuu mataa isaa danda’e qaba.Sirna Diimookiraasii jedhamee Adunyaan kun ittiin bultu bu’uurri isaa sirna Gadaa Oromoo akka ta’e qorattoonni hedduun lafa kaahaniiru.
Oromoon Sirna Gadaan Diimookiraasii Adunyaaf gumaache,Ofii isaatii garuu dhiibbaa sirnoota gita bittaa irra gahaa tureen Sirna,Aadaa fi Safuu isaatti akka hin gargaaramne ta’eera.
Oromoon Sirna Adunyaan kamiyyuu hin qabne Sirna Gadaatiin bula.Jiruu fi Jireenya isaa hundaa sirna kana keessa dhokachuun gaggeeffataa ture.Yeroo gaddaa,Yeroo Gammachuu,yeroo fuudhaa,yeroo eerumaa,Yeroo gumaa baasuu fi gumaa kadhachuu,Yeroo Uumama jallateef waaqa kadhatu sirna gadaan deeggaramuuni malee akkasumaan miti.
Anis Adeemsa sirna Gadaa kana guutummaan guutuutti beekuu baadhus,Waa xiqqoo Odeeffannoon Abbootii fi beektota irraa argadheen dhandhameera.
Abbootiin keenya dur yeroo balaan waloon nama miidhu biyyatti dhufu,amma balaan sun badutti mana isaanitti hin galan.Malkaa bu’anii Tulluutti ol bahuun marga Jiidhaa gurri hin cinne ykn Coqorsa qabatanii Farda collee liigamuun durba duudaa qabatanii Abbaan gadaa Alagee isaa fi haati siiqqees akkasumatti waaqa uumaatti himatu.
Gurraacha garaa garbaa,Leemmoo garaa taliilaa ajjeeftu gumaa hin baastu,balleessitu hin himatamtu maaloo haraarakee nuuf buusi jedhanii waaqa kadhatu.
Waan balleessine nuuf dhiisi,yakka keenya nutti hin lakkaahiin qabbanakee nuuf buusi jedhaniitu waaqa samiif lafa uume haraara kadhatu.
Kadannaan Abbootii kun waan dabe hundaa deebisa,Bokkaan yeroo eegee yoo roobuu baate kadhannaa saaniin rooba,Roobee yoo balleesse kadhannaa saaniin caama.
Akka har’aa safuu fi Aadaan cabee hunduu beekaa ofiin jechuun rabbi callise hin se’iina. Kadhannaa Abbotii keenyaaf rabbi osoo oolee hin buliin deebii kennaa akka ture Seenaan lafa kaaha.
Kunoo Guyyaa har’aas Abbaa Gadaa fi Haadha siiqqee Dabalatee Manguddoonnii fi Jirattoonni Godina shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa Akkuma duudhaa ganamaatti Collee Luugamuun,Seeraa Aadaa guutanii maaloo yaa uumaa dhibee harki kee nutt fide kana harki kee nurraa haa fuudhu jechuun waaqa uumaa ganamaa kadhataniiru.
Kadannaan kunis har’a qofaa osoo hin taane,guyyoota itti Aanan sadeen kan itti fufu ta’uu Odeeffannoon arganne kan mul’isu.
Maarree Muuxannoon kun godinaalee ,Aanaalee fi sadarkaa Gandootaatti gadi bu’ee namni hunduu rabbi haraara kadhachuu qaba.
Kana keessatti Abbootiin gadaa,Haadholiin Siiqqee fi Foolleewwan Oromoo gaheesaanii bahuu qabu.Bakkuma jiranitti haala duudhaan eeyyamuun haraara kadhachuu qabna.Yeroon kun Adunyaaf yeroo hamtuu dha.Haati reenfa ilmoo ishee,Ilmoon immoo reenfa abbaa fi haadha isaa awwaalachuu hin dandeenye.Kuni abaarsa malee homaa waan biraa miti.
Hundaafu Manguddoo fi Abootiin gadaa Aanaa Ada’aa Bargaa dursitanii duudhaa Oromoon nu yaadachuu keessaniif galata qabdu.Waaqni uumaa ganamaa nutty haa haraaramu.

The Morality of the Morning Tradition

 


Yeroo Hawaasni Baayyeen Oromoon eenyummaa keenya taachii hin hubatinitti, Bara 1961(G.C) Jaarraa Abbaa Gadaa maqaa saba guddaa awwaalame kanaan #Gamtaa_Barattoota_Oromoo seenaa saba Keenyaa keessatti kan jalqabaa tahe Magaalaa Harar (Biyyoo Adaree) tti gadi dhaabuun, gahuumsa siyaasaa Oromoo keessatti qabu fi sochii qabsoo kabachiissuu mirga dhala namaa Aliif jadhe Biyyoo Adareeti jalqabe.

Gamtaan kun maqaa eenyummaa saba kana calaqqissu "Gamtaa Barattoota Oromoo" jadhun gad dhaabbachuun isaa, samuu dargaggoota Oromoo hedduu booji'uu kan danda'ee fi rakkoo ummanni kun keessa jiru jalaa baasuuf, dhaloota yeroo sanii keessatti kaka'uumsa guddaa kan uume ture.
Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi sadarkaa tokkooffaa adda addaa Magaalaa Harar Keessatti argaman irra dadeemuun, ijoollee Oromoo hanga nama 51 tahan calalee walitti sassaabuun gamtaan kun akka hundaa'u kan godhe #Abdulkariim_Abraahiim_Haamid (Jaarraa Abbaa Gadaa) ture. Bara 1961 (G.C) keessa yaa'ii ji'a onkololeessaa taa'ameen, Jaarraa Abbaa Gadaa Dura taa'aa gamtichaa #Ahmad_Mahammad_Yuusuf, kan amma Georgia keessa jiraatu Barreessaa gamtaa kanaa, #Xahaa_Alii_Abdi, kan amma London keessa Jiru fi hundeessaa dhaaba ABO keessaa tokko kan tahe, #Jamaal_Alii_Abdi kan yeroo ammaa Torontoo keessa jiraatu fi #Proffeessar_Mahammad_Hassan, yeroo ammaa hayyuu beekamaa seenaa addunyaa kan tahan miseensoota babeekamoo Gamtaa Barattoota Oromoo Magaalaa Harar kana turan.
Gamtaan kun erga hundeefamee booda iddoo itti wal gahii taasifatanii fi shaakkallii itti gaggeefatan hin qaban ture. Yoo mana nama dhuunfaa oromoo tahetti marii taasisan mootummaan siyaasaan walqabsiisee waan dhiibbaa irra dhaqabsiisuuf, yeroo dorgoomiin kubbaa miilaa Kilaboota Magaalaa Harar jidduutti gaggeefamtu guyyaa Saftii fi Alhadaa eeganii, akka deeggartoota tapha Kubbaa Miilaa fakkaatanii Istaadiyoomii Kubbaa Miilaa magaalaa Hararitti hogu taphni gaggeefamu isaan marii isaanii gaggeefachaa wal ijaaraa turan.YOOM ASGEENYE SALPHATTI!!
Gamtaan Barattoota Oromoo yeroo duraatiif magaalaa Harar keessatti hundaa'e kun, Aadaa fi seenaa Oromoo leellissuu, Dhimma Hawaas-Siyaas-dinagdee Oromoo irratti hubannoo hawaasa oromoo cimsuu, Sabboonummaa Oromoo daraarsuun,dhaloota eenyummaa ofii beekee, ittiin boonuu fi alagaaf gadi ja'ee hin jiraanne uumuu kan jadhu kaayyoo godhachuun sochoo'aa turan. Deeggarsa qaama biraa tokkoon malee, Baasii, Kaka'uumsaa fi qindeessummaa ofiitiin, Bara 1961 (G.C) waltajii galma siiniimaa magaalaa Hararitti aggarsiisa Aadaa Oromoo seenaa Itoophiyaa keessatti isa jalqabaa tahe qopheessuun, agarsiissuu dandayanii jiru.
Dargaggoonii fi barattootni Oromoo Magaalaa Harar sodaa tokkoo malee sabboonummaa guddoon agarsiisa Tiyaatira Aadaa Oromoo yeroo duraatiif waltajii angawwoonii, keessumooni gurguddaani fi hawaasni hedduun argamanirratti gaggeessuun, daawwattoota hunda raajii keessa galchan.

Daawwattoonii Baayyeen kolfanii, ittiin gammadanii jiru. Kunimmoo Afaan Oromoo afaan qonnaa fi deeraa keessaa qofa osoo hin tahin, afaan Artii fi bashannansiisaa, akkasumas afaan barnootaa fi teeknooloojii tahuusaa, carraa Itoophiyaaf ittiin agarsiisan uumuu dandayyee jira gamtaan kun. Kun immoo mataa isaatiin milkaa'ina guddaa dha. Haalli kun hamillee cimtuu fi kaka'uumsa guddaa dargaggoota Oromoo #Afran_Qalloo Keessatti waan uumeef, bilisummaa ofiitiis milkeessuuf jaarmayni dhaabbata Siyaasaa cimaan ummata Oromootiif akka barbaachissu muuxannoon sochii gamtaa barattoota Oromoo kanarraa argame kan jechaan ibsame dhumu hin turre.
Erga Jaarraa Abbaa Gadaa fi Ahmad Mahammad Yuusuf faan barnoota sadarkaa lammaffaa xumuuran boodas, Sochiin Gamtaa Barattoota Oromoo Magaalaa Harar tun cimaa deemuun hanga bara 1965 (G.C)ti Tuuta Hawwissoo Aadaa Hararghe cimtuu taatee sadarkaa "Kifilahagari" Harargheeti sochoo'uullee haalli itti gahuu dandeesseetu ture jadhu namoonni keessa turani fi kan ammaas lubbuun . Kana malees, #Baandii_Afran_Qalloo tan bara 1962 (G.C) booda uumamte keessatti miseensooni Gamtaa Barattoota kana keessa turan, hundeefamuu baandii afran qallootiif gahe qabu ture. Gaafa #Fincila_Qotee_Baalee kan bara 1967 (G.C) san keessatti, qabsaa'oota Harargheerraa dirmachuun yeroo san Oromoota Baalee cinaa dhaabbatan kaneen akka Jaarraa Abbaa Gadaa faan warra Gamtaa kana keessatti hirmaannaa guddaa qabaachaa turani dha. Bara 1969 (G.C) gara biyya Somaaliyaa fi Yamanitti baqachuun, #ABO_warra_hundeessan keessaa adda duroonni ijoollee Gamtaa Barattoota Oromoo Magaalaa Harar Kana Keessa turani dha.
Gamtaan Barattoota Oromoo Magaalaa Harar kan adda durummaa gooticha Jaarraa Abbaa Gadaatiin jalqaba bara 1961 (G.C) hundeefame kun, seenaa oromoo keessatti Gamtaa Barattoota Oromoo isa jalqabaa tahu isaa qofaan osoo hin tahin, qabsoo Bilisummaa Oromoo bifa hammayyaatiin eegalamuu keessatti bu'uuraa fi asxaa guddaa gamtaa kaayyee dha.

Maqaan ganamaa! Finfinnee

 



maqaan ganamaa eenyummaa Oromoo waliin hidhata guddaa qaba. Magaalaan finfinnee bara garbummaan dura maqaa gandoonni magaalittii ittiin waamamaa turte qabdi ture.
Haa ta’u malee, maqaawwan gandoota kanneenii dhiibbaa fi loogii sirnaatiin jijiiramuu dandaĆ©era. Garuu, maqaan kaleessaa sun amam ilee seenaa keessaa akka armaan gadiitti yaadatama.
Mana Abbichuu – (kan yeroo ammaa Faransaay Lagaasiyoon jedhamuun beekkamu
Dildila, Tulluu Xiixaa – ( kan yeroo ammaa Inxooxoo jedhamuun beekkamu)
Madaaroo- -( kan yeroo ammaa Ayyar Xeenaa jedhamuun beekamu)
Araadaa- Piyaassaa Harbuu – (kan yeroo ammaa Kaazaanchis jedhamuun beekamu)
Tulluu Daalattii- (kan yeroo ammaa Araat Kiiloo jedhamuun beekamu)
Hora Finfinnee- (kan yeroo ammaa Fliwuhaa jedhamuun beekamu)
Caffee Tumaa- (kan yeroo ammaa Siddisti Kiiloo jedhamuun beekamu)
Laaftoo Tumtuu-(kan yeroo ammaa Nifaas Silki jedhamuun beekkamu)
Tulluu Fihee- (kan yeroo ammaa Shagolee jedhamuun beekamu)
Kara’aloo- (kan yeroo ammaa Hayilee Mangad jedhamuun beekamu)
Karaa Miixxee-(kan yeroo ammaa Gojjaa Mangad jedhamuun beekamu)
Karaa Akaakoo-Daandii Bishooftuu Sokorruu- (kan yeroo ammaa Markaatoo, Massaalamiyaa jedhamuun beekamu)
Malkaa Oboshee- (kan yeroo ammaa Baambiis jedhamuun beekamu)
Jamoo-Qaraaniyoo Birbirsa-Araadaa Giyoorgis jedhamuun beekamu)
Dhummuugaa-(kan yeroo ammaa Ginfillee jedhamuun beekamu)
Dhakaa Araaraa-( kan yeroo ammaa Fiitbarj edhamuun beekamu)
Muujjaa- -( kan yeroo ammaa Shiiroo Meedaa jedhamuun beekamu)
Waayyuu- -( kan yeroo ammaa Qacanee jedhamuun beekamu)
Dhakaa Booraa- ( kan yeroo ammaa 22 Maazooriyaa jedhamuun beekamu)
Golboo-Goofaa Safar jedhamuun beekamu)
Jaajjaa- ( kan yeroo ammaa Biheera Tsiggee jedhamuun beekamu)
Hurufa Boombii-Jaanmeedaa jedhamuun beekamu)
Qaalee-Askoo Didiimtuu-( kan yeroo ammaa Shagolee Meedaa jedhamuun beekamu)
Harbuu Irreechaa- ( kan yeroo ammaa Raas Hayluu Safar jedhamuun beekamu)
Sulula Garbii- ( kan yeroo ammaa Taklahayimaanot jedhamuun beekamu)
Boroo Kormaa-( kan yeroo ammaa Gollaa Mikaa’el jedhamuun beekamu)
Qabbanaa’aa- ( kan yeroo ammaa Qabbannaa jedhamuun beekamu)