The Morality of the Morning Tradition

 

Dur dur irraa eegalee Oromoon Sirnaa fi Safuu mataa isaa danda’e qaba.Sirna Diimookiraasii jedhamee Adunyaan kun ittiin bultu bu’uurri isaa sirna Gadaa Oromoo akka ta’e qorattoonni hedduun lafa kaahaniiru.
Oromoon Sirna Gadaan Diimookiraasii Adunyaaf gumaache,Ofii isaatii garuu dhiibbaa sirnoota gita bittaa irra gahaa tureen Sirna,Aadaa fi Safuu isaatti akka hin gargaaramne ta’eera.
Oromoon Sirna Adunyaan kamiyyuu hin qabne Sirna Gadaatiin bula.Jiruu fi Jireenya isaa hundaa sirna kana keessa dhokachuun gaggeeffataa ture.Yeroo gaddaa,Yeroo Gammachuu,yeroo fuudhaa,yeroo eerumaa,Yeroo gumaa baasuu fi gumaa kadhachuu,Yeroo Uumama jallateef waaqa kadhatu sirna gadaan deeggaramuuni malee akkasumaan miti.
Anis Adeemsa sirna Gadaa kana guutummaan guutuutti beekuu baadhus,Waa xiqqoo Odeeffannoon Abbootii fi beektota irraa argadheen dhandhameera.
Abbootiin keenya dur yeroo balaan waloon nama miidhu biyyatti dhufu,amma balaan sun badutti mana isaanitti hin galan.Malkaa bu’anii Tulluutti ol bahuun marga Jiidhaa gurri hin cinne ykn Coqorsa qabatanii Farda collee liigamuun durba duudaa qabatanii Abbaan gadaa Alagee isaa fi haati siiqqees akkasumatti waaqa uumaatti himatu.
Gurraacha garaa garbaa,Leemmoo garaa taliilaa ajjeeftu gumaa hin baastu,balleessitu hin himatamtu maaloo haraarakee nuuf buusi jedhanii waaqa kadhatu.
Waan balleessine nuuf dhiisi,yakka keenya nutti hin lakkaahiin qabbanakee nuuf buusi jedhaniitu waaqa samiif lafa uume haraara kadhatu.
Kadannaan Abbootii kun waan dabe hundaa deebisa,Bokkaan yeroo eegee yoo roobuu baate kadhannaa saaniin rooba,Roobee yoo balleesse kadhannaa saaniin caama.
Akka har’aa safuu fi Aadaan cabee hunduu beekaa ofiin jechuun rabbi callise hin se’iina. Kadhannaa Abbotii keenyaaf rabbi osoo oolee hin buliin deebii kennaa akka ture Seenaan lafa kaaha.
Kunoo Guyyaa har’aas Abbaa Gadaa fi Haadha siiqqee Dabalatee Manguddoonnii fi Jirattoonni Godina shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa Akkuma duudhaa ganamaatti Collee Luugamuun,Seeraa Aadaa guutanii maaloo yaa uumaa dhibee harki kee nutt fide kana harki kee nurraa haa fuudhu jechuun waaqa uumaa ganamaa kadhataniiru.
Kadannaan kunis har’a qofaa osoo hin taane,guyyoota itti Aanan sadeen kan itti fufu ta’uu Odeeffannoon arganne kan mul’isu.
Maarree Muuxannoon kun godinaalee ,Aanaalee fi sadarkaa Gandootaatti gadi bu’ee namni hunduu rabbi haraara kadhachuu qaba.
Kana keessatti Abbootiin gadaa,Haadholiin Siiqqee fi Foolleewwan Oromoo gaheesaanii bahuu qabu.Bakkuma jiranitti haala duudhaan eeyyamuun haraara kadhachuu qabna.Yeroon kun Adunyaaf yeroo hamtuu dha.Haati reenfa ilmoo ishee,Ilmoon immoo reenfa abbaa fi haadha isaa awwaalachuu hin dandeenye.Kuni abaarsa malee homaa waan biraa miti.
Hundaafu Manguddoo fi Abootiin gadaa Aanaa Ada’aa Bargaa dursitanii duudhaa Oromoon nu yaadachuu keessaniif galata qabdu.Waaqni uumaa ganamaa nutty haa haraaramu.

No comments:

Post a Comment