Asaffaa shaaroo Lammii Haata'uu(1928---2013)

 


Asaffaa Lammii Haata'uu(1928---2013)

Asaffaa Shaaroo Lammii gootichi Salaalee, warra Dhaayee eenyu inni?
“Kan si caalutu na argate”
Asaffaa Lammii Haata’uu gootichi Salaalee sanyiin B/Jeneraal Taaddasaa Birruu, sanyiin Agarii Tulluu sirna abbaa lafaafi cunqursaa lammiisaa jabana mootolii habashaa keessa mormaa kan tureedha. Maqaan dhalootasaa Asaffaa Lammii Haata’uu kan ta’e, hawaasa Oromoo biratti Asaffaa Shaaroo Lammii jedhamuun…….., beekama. Shaaroo jechuun maqaa masooti. Kunis “Ashaarimmoo, ykn abbaa aangoo aangoo irraa fonqolchi” ashaari kan jedhurraa kan dhufe yoo ta’u, sababa shimalaan inni diinotasaa ashaaroo godhee galuuf, walirra naqaa tureef akka moggaafameefitu himama.
Jabana Jaanohi keessa namni tokko tokkorratti, naannoon tokko naannoo tokkorratti olaantummaafi dandeettii ciminasaa agarsiisaa ture. Ati na gabbari. Natu sii oli. Ati na jalatti buli. Sin reeba jechuun wal qoccolaa turan. Abbaan Asaffaa obbo Lammii Haata’uus qooda kana keessaa gahee qabu. Gosa isaa warra Darroo dhiisee gara Dhaayee Sillaasee iddoo gosti inni keessaa dhalate hin jirretti, kan godaanes “nu gabbari” jedhanii taa’ii fi ka’ii waan dhoorkaniif.
Obbo Lammii Haata’uu akkuma goota kamuu biyya koo dabarsee hin kennu. Biyyi koo hin koloneeffamtu jechuun Xaaliyaaninis lolanii Faranjii lama ajjeesanii turan.
Kuyyuu gosa Kuraa Gosee jedhamurraa kan dhalatan obbo Lammiin Fitawraarii Muluu Hasanuu waliinis situ na gabbara. Ani sin hin gabbaru. Anis dhiiraa; atis dhiiraa jechuun yeroo dheeraaf wal mormaa turanii jiru. Fitawraarii Muluu Hasanuun gooftaa Xaaliyaanotaa, biyyasaa kolonii jalaa oolcheedha. Sirbi weellisaa Taaddalaa “…Muluu Hasanuu malee kan qawweetti fooxaa maru hin jiruu, garaa kutate malee kan du’aaf ajjeechaa malu hin jiruu” jedhus ragaadhuma isaati.
Shallamaa (2010:330)
…..Dajjaazmaach Asaffaa Wasanee Kaasaa waliin kutattoota ijoollee biyya jaallatan qabatanii, Fardaafi lafoon Finfinnee karaa Inxooxxoon ijoollee Sulultaa waliin ba’anii Xaaliyaanii ba’aa gala dhoorkan. Balaachaw Hasanuu Farda isaa Abbaa Giddiin, Muluun ammoo Abbaa Giraanyin akka xiyyaara samiirraa furguuganii akka Simbirbutaa diida rukutaa ture. Bara 1931-1935 tti ijoollee Darroo, Kuyyuufi Dhaayee waliin raayyaa ittisaa/loltoota mataa isaanii hundeessuun “Mataa Goraa” jechuun moggaasuun baandotaafi Xaaliyaanii waan wallaalchisan.
Haa ta’u malee, Muluun akkuma seenaa gaarii hojjate seenaa xuraawaa goota Oromoorratti raawwates qaba. “Muluun garuu wantoota raawwate keessaa kan Salaale gaddisiise, kan jarri kaan sa’a fannisaniin osoo hin taane Agariifi obboleewwan isaa fannisiisuu isaatiin ture.” (Shallamaa, 2010 maxx.3ffaa)
Egaa obbo Lammiifi Muluun akkasiin osoo wal reeban………, ilmi Lammii Asaffaan guddatee Muluun akka walitti darban obbo Asaffaadhumti har’a ni himu.
Asaffaa Shaaroo Lammii abbaasaanii obbo Lammii Haata’uu fi haadhasaanii aadde Geexee Baatuu irraa bara 1928 (bara weerara Xaaliyaanii) godina Shawaa Kaabaa/Salaale/ aanaa Warra Jaarsoo, ganda Dhaayee Tuutiitti dhalate. Barnoota barichaa muka jalatti maqaa ofii katabachuuf muraasa kan baratan……, obbo Asaffaan umrii isaanii daa’imummaatti akkuma ijoollee hawaasa Oromoo Salaaleetti Farda Collee gulufsiisaa, Shimala qolachaa, wal’aansoo qabaa, loon akaakayyuufi abbaasaa tiksaa guddate.
Umriidhuma daa’imummaa isaanii kanatti shimala qolachuufi rukutuu baay’ee kan danda’an guyyaa ayyaana Astaroo ykn yeroo Taabotni bahee ayyaanni kabajamu, dargaggeessi qolannaa isa jedhamu taphatu. Uleen wal akaawu. Asaffaan nama rukutee osoo hin buruksin, osoo hin miidhin hin galu jedhan. Yeroodhuma kana guyyaa tokko Bataskaana Mikaa’ela Qacammee ji’a Sadaasaa keessa kabajamutti, Asaffaatti dargaggeessa 9 ta’anii itti marsinan. Salgan isaanituu Shimalaan kukuffisee akka biraa deeme maanguddoon ollaasaanii obbo Girmaa Abarraa ni himu.
Haaloo kana ba’uuf jecha dargaggeessi kunneen 12 ta’anii naannawa gabaa “Arbii” jedhamutti eeggatan. Guyyaa kanas Asaffaan achi utaalee, as utaalee nama kudha lamaanuu shimalaan lafa ciciibsee biraa sokke. Gosti abbaa Asaffaa iddoo dhalootan naannawa inni jiraatu….., kana kan hin jirre yoo ta’u, sababuma kanaanis gosti Faaxoo jedhamu nu gabbari jedhanii hacuucaa akka turan Obbo Asaffaan ni dubbatu. Kanumaanis xiiqii isaa itti cimsaa dhufee, “abbaan kiyya Muluu iyyuu hin gabbarree natu sin gabbaraa?” jedhee bosona Mogor seenee ture.
Sababni kana yaa ta’uu iyyuu malee, irra caalaatti obbo Asaffaan yeroo kana bosona kan seenaniif, abbootii lafaa lafa ummatarraa saamanii, hiyyeessa beelan fixaniifi mootummaa yeroo sanaa sirna isaa jibbuun akka ta’e har’as hafuura gaddaan dubbatu. Abbootii lafaa warra yericha maqaa “irboo, sisoo” jedhuun lafa Waaqni qixa kenne saamuun tokko qooqa bulchaa….., ofii quufa bulanirratti duulaa ture. Abbaan hiyyeessaa Asaffaa Shaaroo Lammii.
Sirni Fiwudaalizimii fi naafxanyootaa siyaasa Itoophiyaa keessatti mirga dhala namaa uumamaan laatameef irraa mulqaa ture. Abbaan Lafaa ofiisaanii ergama Waaqa biraa dhufe of godhanii hiyyeessi waan ofiif qote harka caalaa akka isaaniif qoodu gochaa turan. Lafa bal’aa qote bulaa saamee……., sanumaayyuu ofiisaa harka maratee taa’ee qonnaan bulaa irraa Irboo safarata. Humna uummataa burqaa jireenyaa godhatee ittiin jiraachaa ture. Sirna Fiwudaalizimii fi naafxanyaa kana dhabamsiisuuf qonnaan bultootni Baalee fi Oromootni biroo seenaa keessatti ogguu ka’u. Gootota kanneen keessaa sirna abbaa lafaatiin wal’aansoo kan qabaa turan keessaa ammoo goototni Salaalee adda dureedha. Dokumentarii seenaa Asaffaa Shaaroo Lammii, (DHRTVO,2006).
Abbaan Asaffaa obbo Lammii Haata’uu sanyii warra Fiwudaalizimii fi naafxanyootaa ta’uu baatus…., gootummaa isaa ilaalanii abbootiin lafaa gara ofiitti fiduun abbaa lafaa taasisaniiru. Intala isaaniis kennaniifii itti soddoommatan. Aangoos qoodanii kennaniifii jiru. Akka gootummaa isaa kanaan Oromoodhumatti garagalee Oromoota jilbiinfachiisuuf. Lammii Haatahuu keessa isaatti amanee fudhachuu baatus abbaa lafaa ta’ee hiyyeessa irraa Irboo nyaatee jira. Ilmi isaa Asaffaa Shaaroo Lammii tokkichi qofaa dhalate, hojii abbaa isaa kanaafi abbaa lafaa ijjisaa akka argu hin fedhu. Roorroon hiyyeessaa kun Asaffaa mataa dhukkubse.
“Lafa kan diriirsee uume Waaqa. Kan ifaaju qonnaan bulaadha. Maaf tokko abbaa humnaa ta’ee callisee harka maratee taa’ee qonnaan bulaa irraa Irboo safarata?” jechuun haaloo hiyyeessaa bahuuf bosona lixe. Abbootii lafaa reebee rasaasa bichisiifate. Kan didde uleen olii fi gad ari’ee shimalaan haleela.
Abbaan Asaffaa obbo Lammiin dureessa. Abbaa qabeenyaa guddaa ture. Ilma isaa tokkichaan “Taa’ii nyaadhu,” jedhee kadhatee dadhabe. Asaffaan garuu abbaa isaatiyyuu “hiyyeessa irraa Irboo hin nyaatin. Ba’ii hojjadhu,” jechuun itti garagale. Hiyyeessa Harreedhaan midhaan qe’eetti fidanii Irboo abbasaaf safaranis dhoorkee, “Deemaa, fudhaa galaa midhaan keessan. Ofii hojjattanii maaf orma gabbartu? Abbaan koo hojjatee yaa nyaatu,” jechuun isaan deebisaa ture. Abbaan isaa obbo Lammiin garuu “Gurbaa as natti garagaltee?” jechuun qawwee fudhatee Asaffaatti dhukaase. Ta’us Asaffaa rasaasni hin rukutne. Xiiqiin qabamee, garaa kutatee qabsoof gara bosona isaatti qajeele. Gidduu gidduun bosonaa bahee qe’ee abbaasaa oolee kan bulus haraama jedhe.
Qabsoon Asaffaa qabsoo uummata cunqurfamaa waan ta’eef….., ummatni Salaalee baay’ee isa jaallata. Karaa waraanni Jaanohii fi Dargii jiru akeeku. Yoo itti cimtes dhoksanii irra dabarsu. Abbaan isaa gaabbee ilma isaatti fuudhuuf Asaffaadhaan “Koottuu gali ilma koo. Bultii ijaarradhu. Lukkeelee mootummaa sirraan dhoorkaa” jedheenii matta’as kennee ture. Asaffaan “Tole garuu, ani abbaa lafaa hin gabbaru. Fuudhicha nan fuudha,” jedhe. Guyyaa cidha isaas hamoomotni bahee yeroo missirroo fuudhanii galan, tooftaan qabuuf itti marsan. Gootichi garuu fardaan gulufee harkaa bahe.
Hiriyootasaa kanneen bosona waliin seenan, Abarraa W/Yohaannis, Simee Kuyyuu, Asfaaw Daanyee, Abarraa Tasammaa, Nagaash Mootummaafi kkf……. waliinis abbootii lafaa hedduufi baandota Hayilasillaasee holqa seensisan.
Boodarra garuu gidduudhuma kanaan Hayilasillaaseen kufee dargiin yoo dhufu waraana dargiin barbaadamuu eegalan. Kanaafis harka hin laatne. Waraana loltoota dargii waliin guyyaa tokko naannawa Badhaadha Jaarsoo jedhamee waamamutti dhukaasa walitti bananii loltoota dargii keessaa nama lama ajjeesanii turan.
Kana booda….., Asaffaan hiriyoota isaatti nagaa dhaammatee gara Yaayyaa Gullallee imale. Achittis kan caalu Agarii Tulluu waliin wal argate. Bosona Yaayyaa Gullallee biyya Badhaadha Dilgaasaa/Miidhee/ ganda baalabbaata Gizee Walaa jedhamu keessa turan. Gizeen Walaa jaarsa biyyaa Asaffaa fa’iif galaafi gargaarsa adda addaa gochaa tureedha. Agariin garuu yeroo kana obboleewwaniifi loltoota isaa waliin jira. Haaluma kana keessa Fitawuraarii Muluu Hasanuun loltoota isaa fidatee dhufee Agarii fi Asaffaatti waraana bane. Dhukaasa sa’aatii dheeraa boodas loltoota Muluu keessaa namni lama du’anii namni Burruusee jedhamu ammoo rukutamee baattamee gale.
Egaa turtii fi qabsoo yeroo dheeraa booda Asaffaan jireenya dirree qabsoo dhiisee galuun qe’ee abbaasaaniitti deebi’ee jireenya hawaasaa jiraachuu eegale. Haadha warraa isaa “Asaffaa fidi” jechuun hedduu dararamaa turte….., aadde Tsiggee Seefuu waliin walitti deebi’anii bultoo ofii qajeelfatan. Ijoollee Sadiis godhatanii erga waggaa kudhanii ol nageenyan mana isaanii jiraatanii booda guyyaa tokko cidha olla isaanii kan obbo Gaarradoo Watoo, deemanii erga galanii booda, loltoota dargiin qabamanii sokkan. Kana booda, waggaa sagaliif osoo hin deebi’in turan jedha ilmi isaanii Balaay Asaffaa.
Dubbiin akkas ture, Asaffaan cidha ollaa isaa kan obbo Gaarradoo Watoo akkuma aadaa Oromtichaa hamaamota waamamee dhaqe. Obbo Gaarradoon diina/nama wal loleen/ qaba ture. Namni inni wal loleen kun guyyaa cidha Obbo Gaarradoo kana dhufee obbo Gaarradootti dhukaasee ajjeesee sokke. Missirroowwan osoo handarii daaddisaa eegan milkiin jalaa godaante.
Anaa boo’uu ta’uu jabbiin miilarra na dhaabbatte jedhama mitiiree. Duraa Asaffaa karaa ittiin argatan barbaadu waan ta’eef, sababuma guyyaa san achi jiruuf qofa obbo Gaarradoo situ ajjeese jechuun loltoota dargiin qabamee gara mana hidhaa Fiichee qajeelfame. Harki Asaffaa garuu harka dhiigaa akka hin taane….., hawaasni Salaalee ragaa ba’aaf. Kanaafis akkas jedhanii sirbaniif.
Shaaroo Lammii
Ya Asaffaa Shaaroo Lammii
Shakashakii seenii waknii
Goobaa kormaa(2)
Ya Asaffaa Shaaroo Lammii
Si hidhanii qoodaa ormaa(2)
Goba kormaa goobsisanii
Ati hidhamnaan yaa Asaffaa
Daa’ima kee boochisanii(2)
Shaaroo Lammii(2)
Keessa namaa
Hin beektu namnii
****
Shimalli kee faalaxamee
Falaxamee shooruu qabee(2)
Ati hidhamnaan ya Asaffaa
Daa’imni kee boo’uu qabee(2)
Shimalli koo hin shooru hin jennee
Daa’imni koo hin boo’u jennee
Ya Asaffaa goobaa kormaa
Si hidhanii qoodaa ormaa(2)
****
Mi’a Fardaa Meendhacha too
Shaaroo Lammii
Goota nagaa Qeerransa koo
Ya Asaffaa Daamaa Qal’oo
Shakashakii maaloo balloo
****
Ya Asaffaa Geexeen dhaltee
Asee yaa korma koo
Shakashakii yoo siif gamtee…..
Jedhanii sirbuun qooda ormaa hidhamuusaa ragaa bahuuf. Manni murtii olaanaa Fiichees hanga dhimmisaa qulqullaa’utti jedhee mana hidhaatti ol darbe.
Bara qabsoosaa argachuu dadhaban haaloo ba’uuf jecha sibiila kg 50 ta’e, (Jiboo) jedhamuun miila isaa lamaan walitti hidhan. Gidduu miila lamaanii ammoo….. sibiila Amartii fakkaatu (xiqirtii) kan jedhamu loosanii miilasaa nyaachisaa turan. Ulfaatina isaarraa kan ka’e Jiboo kana ittiin socho’uun rakkisnaan, mormasaan irraa deeggaruuf jecha, finyoo mormatti hidhatee irraa ittiin ol harkisaa jiraate. Haa ta’u malee sibiilli kun miila isaa waan miidhef hanga har’aattillee ni okkola. Baay’ee socho’uu hin danda’u. Kaan naaffisanii, kaan kolaasanii, kaan ajjeesanii barabaraan Oromootti wal furaa turan. Inni isaan hanqatee har’as wayyaaneen Kaffiyaaloo Tafarraa miila irraa murtee godaannisa kalee sabatti deebiste.
Asaffaan mana hidhaa erga galees sabasaaf yaaduu, waan gaarii hojjachuu, hiyyeessaaf quuqamuu hin dhiisne. Mana hidhaa Fiichee keessattis, osuma sibiila kg 50 kanaan miilli isaa walitti hidhamee jiruu, biqiltuu harbuu dhagaa jalatti biqiltee jirtu tokko argee, dhagaa jalaa fuudhee iddoo biroo dhaabuun kunuunsuu eegale.
Waan biqiltuu kana dhaabe qofaaf, Shaalaqaa Zawudee kan jedhamu, ajajaa olaanaan “Maaf dhaabde? Eenyutu dhaabi siin jedhe? Eenyutu siif eyyame……?” jechuun harka hafes itti dabalee harki isaa lamaanuu, akka hidhamu taasise. Ciibsanii bishaan qorraas itti naqu ture. Harkiifi miilli lachuu erga hidhamee booda Asaffaan akkatti socho’u dhabee cinaachan lafarra foqoqaa ture. Kana qofa osoo hin taane, sababuma kanaan lafa jalatti dukkana keessatti, akka hidhamu taasifame.
Biqiltuu waan dhaabeef qofa adabame. Dhuguma kaayyoon mootummoota darbanii nama qofa mitii qilleensa Oromiyaallee kolaasuu ture. Mukti harbuu Asaffaan dhaabe, sun carra qabeessa ta’ee, seexaan guddatee har’a illee oddoo mana hidhaa Fiichee keessatti “Harbuu Asaffaa Shaaroo Lammii” jedhamuun waamama.
Asaffaa fi Agarii Tulluu garaagarummaa torban tokkootti qabaman. Yeroo Agarii fi obboleewwan isaa goototni Salaalee shiraan fannifaman Agariin Asaffaatti nagaa dhaammatee ture. “Nagaatti kaa ani hiikkamee” jedheen. Agarii fi obboleewwan Lamaan Agarii dabaan warri sanyii balleessan gara jabeeyyiin Hayilasillaasee fannisan. Asaffaan haaloo Agarii kana bahuuf xiiqii qabatee lolaaf of qopheesse. Garuu kan yaade osoo hin milkaa’iniif hafee………, innuu qabamee mana hidhaa galuun dabareen fannoo itti aanu kan isaa ta’uuf qoqophaa’ame.
Asaffaan bara 1961-1969 waggaa Sagaliif mana hidhaa ture. Bara 1965 bilisa bahus garuu, osoo hin turin ennasuma mana hidhaatti deebi’e. Bara kana dabareen Agarii isa geessee murtiin du’aa itti murtaa’ee akka ajjeefamuuf hunduu dhiyaate. Bishaan danfaa keessa cuuphanii affeelanii ajjeesuuf bishaan danfaan Baarmeeliin dhiyaate. Sana booda du’aa isaa fannisanii uummataan sodaachisuuf Wadaroo fi muka itti fannisanis fidan. Abbaan Asaffaa Lammiin erga qabamee abukaatoo ilma isaaf ta’ee…., halkanii guyyaa dhaabbateef. Ol iyyannoo dhumaas fudhatee guyyaa fannoo Asaffaa beellama dheereffachiise. Uummatni Salaalees kana ibsuuf gootichaaf akkas jedhanii sirbaniif.
Motobiliin laga hin buluu
Yoo katamaa taatee malee
Gosti ofii nama hin kennuu
Gosa ormaa taatee malee
***
Oggaa dagalee guuranii
Mana ijaaranan se’ee
Oggaa Barmeelii fidanii
Bishaan waraabanan se’ee
***
Oggaa Wadaroo fidanii
Farda sakaalanan se’ee
Asee yaa kormakoo…..jechuun ibsatan.
Asaffaan calcala Jiboo kg 50 miilarratti baatee mana hidhaatti deebi’e. Yeroo kana warri isa ajjeesuuf baarmeelii fidan Asaffaa miilli isaa hidhaa jiraa….; maaliin nu tuqa jechuun “Siif goone kaa” jedhanii itti qoosuu eegalan. Asaffaan suuta jedhee ulee gabaabduu ilaallatee calcalaan akkuma hidhamee jirutti utaalee akka culullee irra bu’e. Sagal mirgatti, kudhan bitaatti gogombise. Namoota kudha sagal tarree galchee ciciibse. Warri hafan murtii malee ajjeesuun hin danda’amu waan ta’eef….., reebicha cimaa reebaa mana hidhaatti ol darbatan. Badiin isaa kan durii caalaa amma ture.
Abbaan Asaffaa Lammiin malaammaltummaan qarshii kennee mana hidhaatii ilma isaa baasuufis yaalee ture. Asaffaan garuu gootni yoo du’es, du’a hin oolu jechuun, abbaa isaan “Matta’aa hin kenning. Yoo diddee kennite ammoo asii baheen siif godha” jechuun abbaa isaas dhoorke. Dokumentarii seenaa Asaffaa Shaaroo Lammii (DHRTVO, 2006), qopheessan G/Tasfaayee Addamaa.
Abbaan murtii, murtii dhumaa Asaffaa irratti kennuuf amma gara biraatii dhufee jira. Gochaa Asaffaan lukkeelee Hayilasillaasee 19 irratti taasise kana yeroo dhagahu ennasuma halluu diimaa addarratti dibe abbaan murtichaa. Kana jechuun yaa ajjeefamu jechuudha. Yeroo kana Asaffaan “Gaaffiin qaba” jedhe. Abbaan murtichaa gaaffii homaatuu akka irraa hin fuudhamne jala sararee hime. Yaa ta’u malee, ajajaan dhibbaa achi jiru tokko akka gaaffiin irraa fuudhamu waan gaafateef, gaaffiin Asaffaa irraa fuudhame. Asaffaanis, “Ani silaa calcala hangana guddatu kanaan miila hidhamee jiraa akkamiin socho’ee namoota 19 kana gogombisuu danda’a…….?” jedhee gaafate.
Abbaan murtichaas “Hangam ittiin hidhamte?” jedhee deebiseef. “Waggaa Shan” kan jedhu ture deebiin Asaffaa. “Dhugumaa?” “Eeyyee dhuguma” jechuun ragaan ragameef. Yeroo kana abbaan murtichaa halluu diimaa adda isaatti dibe irraa haqe. Gootichaafi ummata Oromoottis qalbiin deebite. Haa ta’u malee, hidhaatti deebi’ee ergasiis mana hidhaatti waggaa 4 f jireenya lafa jalaa….. dukkana dhamdhamaa jiraate.
Asaffaan hidhaa lafa jalaattis erga jireenya ho’ifatee booda, bineensota gubbaa qofa osoo hin taane bineensota lafa jalaanis, dararaan itti hammaachaa dhufe. Guyyootii danuun yaa turuu, guyyaa tokko qofa halkan tokkoon hantuutni itti raphatanii rifeensa mataa irraa fixan. Innis ciisee jiraatti nyaatamee du’uurra jedhee hantuuta sagal harkaan macalaqsee ofirratti ajjeese. Iddoon inni itti hidhamee jiru kun, lafa dukkanaa garasii garanni daagaa waan ta’eef, raammoo fi hantuutni qofti hortee godhatanii jiru. Halkan sururtichi bari’uuf turus seera uumaatu caba waan ta’eef, akka buluttis bulu ni bariitef. Akka bari’eenis iyyee Shaalaqaa Zawudee waamsifate. Shaalaqichis dhufee karra jalaa bane.
Asaffaan hafuura xiiqii fi dallansuun “As hiiqi mee. As koottu” jedhee ofitti yaame. Harkaa fi miila hidhamee jira waan ta’eef utaalee akka hin ciniinne waan beekuuf itti hiiqee “Maali? Maal taate?” Jedheen shaalaqichis. Osoo dirqamni hin qabne ta’ee, Asaffaa onneesaa sanyii Salaaleetu beeka. Asaffaan deebiseefii “Kan si caalutu na argate” jedheen. Shaalaqichis “kan na caalu maali” jedhe sagalee oori’uun itti hiiqee. “kunoo lafa ilaali kaa kan si caalu” jedhe gootichi. Hantuuta duddu’ee lafa ciciisu argee “Ahaa! Hantuutatu na caalaa?” jedhee iccitii dubbiisaa hubatee hidhaatti deebisee, guyyaa shaniif………, buddeena akka dhoorkatamu taasise.
Biyyee of jalaa qotee siphachaa guyyoota Shaniif lubbuu isaa turse gootichi abbaa hiyyeessaa guyyaan qabnaan. Haadha manaa Asaffaa Shaaroo Lammii aadde Tsiggee fi maatiisaa sababa isaan ganamaa galgala reebichi itti hammaate. Dararaan dabaree irratti wal fure. Aadde Tsiggee abbaa manaa kee fidi jechuun reebichaan ilkaanis irraa fixan.
Mana hidhaa Fiicheetti waggaa sagal fixee erga ba’ee booda gara qe’ee isaa ganda Dhaayee Sillaaseetti deebi’ee jireenya isaa itti fufuu eegale. Asaffaan boodarra dhukkubsachaa turee umriisaa waggaa 85 tti guyyaa Haaceen wareegame barii addunyaa tanatti nagaa dhaammachuuf dirqame.

No comments:

Post a Comment