Showing posts with label Aadaa. Show all posts
Showing posts with label Aadaa. Show all posts

The eldership

 


Jaarsummaa keessatti qaama barbaachisaa sadiitu jira. Isaanis: Qora mataa, qora miilaafi murticha tahuu beektuu?
Aadaa Oromoo keessatti Jaarsummaa sirna araaraafi haqaati.
Jaarsummaan aadaa Oromoos ta’e Sirna Gadaa keessatti kabajaa guddaa qaba. Jaarsummaan kafaltii waan hingaafanneef kan harkan qalladhe jedhee irraa baqatu hinjiru. Jaarsummaan walqixummaa, dhuugaafi haqaan saba tajaajila. Jaarsummaa keessatti kaadhimamuun akka ulfina guddaatti ilaalama. Namni jaarsummaaf kaadhimamu umriin kan raage, samuun kan bilchaate, kan arrabaan qarame ykn haasaa beeku ta’uu qaba.
Jaarsummaarratti jaarsolii tokkoo oltu irratti hirmaata. Jaarsoliin kunneen dubbii garee lamaan gidduu jiru erga sirriitti ilaalaniifi dhaggeeffatanii booda murtii kennu. Murtii jaarsoliin kennan kan namoota ykn gareewwan waldhaban walitti araarsuufi hariiroofi walitti dhufeenyasaanii caalaatti cimsuudha.
Nama ykn garee murtii jaarsoliin kennan hojiirra oolchuu seeratu itti jiga, ni lagatama, hawaasa keessaa darbatama, duunaan biyyi ba’ee hin awwaalu, cidhas ta’e daboo yoo waammate namni hindhaquufi. Kanarra darbees yeroo muraasaaf biyyaa akka ari’amus ni taasifama. Kanaafuu dubbii jaarsi mure kan didu hinjiru.
Jaarsooliin seera jallisan yoo jiraatan jaarsummaa biroo keessatti qooda hin fudhachiisan. Namoonnis jaarsummaa abalu keessa jirurratti hin dhihaadhu jedhanii diduuf mirga qaba. Jaarsoliinis mindaas ta’e matta’aa waan hin fudhanneef sababa seera jallisaniif hinqaban. Jaarsolii keessatti qooda kan fudhatan garee lamaanirraa firooma kan hinqabane ta’uu qabu. Baay’inni namoota jaarsa ta’uu danda’anii murtaa’aa waan hinta’ineef garee lamaan qixa kan ilaalantu filatamu. Gareen lamaanis namoota jaarsa naaf ta’u jedhan himachuu danda’u. Jaarsoliinis nama isaan hogganu filatanii dubbii ilaaluu eegalu. Akka seerri hin jallannees garee lamaanirraa nama walqixxee fudhatanii kan garee hinqabne ofitti dabaluun dubbicha ija walqixaan ilaalu.
Jaarsooliin maqaa ofii jecha seera hinjallisan; hindabsanis. Jaarsoliin seera yoo dabsan ykn jallisan rakkina addaatu irra ga’a; ulfina hawaasaa ni dhabu, jaarsummaa kamuu keessatti qooda hinfudhatani, kabajaa hinargatan, akka jiraa du’aniitti lakkaahamu.
Kanaaf jecha, jaarsoliin ulaagaafi sirna jaarsummaa cabsaniifi matta’aa fudhatan hin jiran. Oromoonis safuu waan beekuuf murtii jaarsoliin kennan ni kabaja, Gareen waldaban lamaanis murtii jaarsolii hindidan. Jaarsoliinis maqaa ofii kan eeggatan, kan safuu qaban, kan sirna jaarsummaa safeeffatan, hundumaa walqixa kan ilaalan, haqaafi dhugaan kan hojjetan ta’uu qabu.
Yunvarsiitii Naannoo Oromiyaatti Daareektarri Inistiitiyuutii Qorannoo Afaan, Aadaafi Artii Oromoo Obbo Leeniin Quutoo gaaf-deebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Aadaa Oromoo keessatti jaarusummaan iddoo olaanaa qaba. Jaarsummaan gaaddisa mukaa jala geengoo ykn korboodhaan taa’uudhaan raawwatama. Namni kamuu jaarsummaarratti hirmaatee taa’uu ni danda’a; jaarsummaan dhorkaa hin qabu. Jaarsummaa keessatti qaama barbaachisaa sadiitu jira. Isaanis: Qora mataa, qora miilaafi murticha.
Qorri mataa miilaa qaamolee dubbii dhalate gamaa gamanaa walitti fidanii ummanni akka irratti mari’atu taasisaniidha. Murtichi waan hirmaattonni jaarsummaarratti hirmaataniifi qorri mataa miilaa irratti dubbatan hunda dhaggeeffachuudhaan murtii kenna.
Sirni kun Maccaafi Tuulama biratti ‹Ilaafi ilaamee› yoo jedhamu, Sikkoo Mandoo biratti ammoo “Kottu Dhufee” jedhama.
Jaarsummaa Oromoo keessatti gaafa dubbii dhugaa bira ga’anii alangeedhaan murteessuuf jedhan namni murtii kanarraa guungummii ykn komii qaban ni gaafatamu.
Murtiin deemamaa jiru sirrii miti jedhee kan yaadu yoo jiraate, guungummiisaa ykn komiisaa dhageessisa. Yoo guungummiinsaa sirrii ta’e dubbiin nu jala lo’e jedhanii achumatti sirreessu. Yoo namichi haala hin taaneen hubateera ta’e sirriitti itti himanii hubachiisu ykn amansiisu. Yoo dubbichi galanii irra deebi’anii ilaaluu barbaachise ammoo beellama biraa qabatanii walitti deebi’u.
Aadaa Oromoo keessatti abbaan murtii utuu murtii kennaa jiruu yoo haxxiffate murtiin sun sirrii miti, Waaqni waan himaa jiru qaba jechuudha. Sagaleen nama murtii kennuu sirriitti qajeelee ba’uu baannaan, ykn utuu dubbatuu afaansaa yoo dogoggore arraba haqadheen dubbii kana irra ciisee ilaala jedhee murticha kennuu dhiisee gala. Nami lubbuun namaa harkatti bades gumaa baasee jaarsummaadhaan walitti araarama.
Jaarsummaa keessatti gumaan kaffaltii lubbuu namaatiif ba’u miti. Gumaan araara maatii nama, firaafi gosa waldhabeeti. Qalbii namoota, maatiiwwan ykn gosoota waldhabanii gumaadhaan deebisanii walitti ijaaru. Kaayyoon gumaa inni guddaan horii kennamu utuu hintaane araara jedhu Obbo Leeniin.
Odeeffannoon Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaarraa arganne akka mul’isutti, Jaarsummaan maanguddoota ykn jaasolii biyyaatiin kan raawwatamu yoo ta’u, walitti bu’iinsaafi waldhabdee uumame karaa nagaan furuufi araara buusuuf gargaara.
Imaammatootniifi seerotni sadarkaa Federaalaattis ta’e naannoo Oromiyaatti ba’anis jaarsummaa ni jajjabeessu. Jaarsoliin hojii jaarsummaatiif moggaafamanis hawaasa keessatti amanamaa kan qaban, haqaaf kan dhaabbatan, garee lachuu irraa bilisa ta’anii dhimma ilaalamaa jirurraa bu’aa ykn faayidaa eeggatan kan hin qabneefi hawaasa keessatti waan gaarii hojjechuudhaan maqaa gaariifi fudhatama kan qaban ta’uu qabu.
Jaarsoliin araaraa garee walfalman walqixa ilaaludhaan gara araaratti akka dhufan taasisisuufi iccitii sababa jaarsummaatiin beekan eeguu qabu. Jaarsummaarratti gareen walfalman lamaan qaamaan adeemsa sirna jaarsummaarratti argamuu kan qaban yoo ta’u, jechoota miira namaa miidhuufi araara gufachiisuu danda’anirraa dubbachuurraa of qusachuu qabu. Walfalmiin yeroo gabaabaa keessatti araaran akka xumuramuufis deggeersa barbaachisu taasisuu qabu. Garee lammaan keessaa tokko yaadasaa yoo ibsatu inni kaan gidduu seenuu ykn dabareesaa malee dubbachuu hinqabu.
Jaarsoliin dhiibbaa kamirraayyuu bilisa ta’anii dhugaafi haqaarratti hundaa’uun hojii jaarsummaa ykn araaraa geggeessuu qabu. Jaarsoliin dhimma jaarsummaa ilaalaa jiran waliin walqabatee garee kamuu waliin walittidhufeenya bilisummaafi giddugaleessummaa dhimmichaa miidhuu danda’u hunda irraa of qusachuu qaba.
Jaarsummaan sirna waldhabdeen falmii idileen ala ittiin furamuufi jaarsoliin moggaafaman murtii dhumaa itti kennan yoo ta’u, araarri ammoo sirna walfalmii idileen ala gareen walfalman deeggarsa jaarsoliitiin walitti dhihaatanii falmii isaanii waliigalteedhaan hiikkatan jechuudha.
Dhimma ofii jaarsummaan xumurachuun hariiroo jireenya gareewwan lamaanii cimsuun nageenya hawaasaa mirkaneessuu, baay’ina hojii manneen murtii hir’isuu, yeroofi baasii walfalmitootaa qusachuu, haala si’ataa ta’een haqa argamsiisuu keessatti gahee ol’aanaa qaba.

HOOKKAA, BOKKUU FI #AWAA


 

Awaa:- sirni gadaa oromoo qaamolee garagaraa gahee garagaraa qaban hedduu of keessaa qaba. Isaan keessaa inni hangafaa qaama #Awaa jedhamee beekkamuu dha. haa ta'uu malee hedduun keenya asirratti hubannaa walfakkaataa kan qabnuu miti.

👉Caffabuleessa jechuun qaama iddoo jiidhina qabu kan akka malkaatti bahee waaqa namaaf kadhatu jechuu yoo ta'u, dibbedhayeessa jechuunis akkasuma dibbee qabatee waaqa/Rabbi faarsee kan galata galchu jechuu dha.
Gama biraatiin immoo gadakuteessa jechuun caasaa gadaa keessa hin jiru yookiin gadaa keessaa gahee hin qabu jechuu dha. Fakkeenyaaf #Raaba hin yaabbatu, gadaan hin dhaadatu. #Gadaa dabarsanii waliif kennan hin qaban jechuudha. Akkasuma baarkuteessa jechuun amantaa fi yaada qaamni kun baar kutee alaa dhufe (#Orma) jedhu of keessaa qaba.
👉Walumaagalatti hiikni #Awaa kanaa gabaabinaan yoo ibsamu #Qaalluu/Awuliyaa jechuu dha. Awuliyaa jechuun qaama Rabbi irraa kennaa addaa qabuu fi araarama namaaf kadhatu jedhamee abdatama.
Haa ta'uu malee gaafa Abbaan Gadaa yookiin bokkuun tokko waa balleessee argame qaamni tarkaanfii isatti fudhatu yookiin diinsuu danda'u qaama kana qofa. Walumaagalatti gahee guddaa taphata jechuu dha.
👉Awaan gosa#Shanan armaan gaditti eerama kanaa dha! #A #Shan jedhamuun beekkamu. Isaanis:-
1) A damoonyee
2) A llujaana
3) A broonyee
4) A taabaa
5) A miinyaa jedhamu

Moggaasa uumaa waaqaa shanan

 



Moggaasa uumaa waaqaa shanan.

1.Gadaa oromoo shanan.
        Birmajii
        Meelbaa
        Muudana
        Halchiisa
        Roobalee
2.Qaama miira namaa shanan.
        Ija
        Gurra
        Funyaan
        Arraba
        Gogaa
3.uumee waaqaa shanan.
        Aduu
        Urjii
        Addeessa.
        Lafa
         Bishaan
4.Odaa oromoo shanan
        Odaa Nabee
        Odaa Roobaa
        Odaa Bultum
        Odaa Bisil
        Odaa Bulluqi.
5.Bokkuu Oromoo Shanan
        Bokkuu Yaa'ii
        Bokkuu Irreessaa
        Bokkuu Dhikkee
        Bokkuu Foollee
        Bokkuu Araaraa
6.Quba Harkaa shanan.
        Quba Abbuudduu
        Quba Arrabdiqqee
        Quba Mootii
        Quba Qubee
        Quba Moggee
7.Qaama Mukaa Shanan
        Hidda
        Jirma
        Damee
        Baala
        Daraaraa.
8.Ilmaan Seeraa Oromoo Shanan
        Ilma Gudeedaa_abbaan kan dhalche.
        Ilma Mootichaa _waraanaan booji'ame.
        Ilma Lammachaa_kan obboleessaaykn firaa
        Ilma Meendhichaa_Guddifachaa
        Ilma Kallachaa._Moggaasa.
meeshalee hoodaa oromoo
        Bokkuu
        Caaccuu
        Kallacha
        Halangee
        Siiqqee
        Callee